AKEEKKACHIISA ULAAGAA SEERAA FI NAMA KABAJUU IRRATTI HUNDAA’E
Qaamolee seeraa fakkeessuun, uffata (uniform) mootummaa Dawoo ofitti uffachuun, seera ala socho’uun, ijoollee fi lammiilee rakkaachisaa jiran miidhuudhaan akkasumas maqaa gaarii Dhaabbata Olif Travel Agency Plc balleessuuf tattaaffii hin malle taasisaa jirtan hundaaf akeekkachiisa cimaa kana dabarsina.
Gochaan akkanaa seera mootummaa Itoophiyaa cabsee kan raawwatamu yoo ta’u, seerri jiruufi tarkaanfiin mootummaa ka’e kamiyyuu isin biraa akka hin hafne hubachiifna. Odeeffannoo fi ragaan viidiyoo waraabame karaa seeraan alaa gochaa yakkaa raawwataa jirtan ifatti mul’isu jira; kanaafis itti gaafatamummaa seeraa guutuu akka fudhattan dirqama akka ta’u cimsinee isin beeksisna.
Qaamoleen ofiin of ijaaruudhaan, maqaa mootummaa fi dhaabbilee seeraan hojjetan sobaan fayyadamuun, icciitii gocha ofii dhoksuuf jecha lammiilee karaa irraa qabdanii hidhuu, reebicha hamaa raawwachuu fi doorsisaa fayyadamuu gochaa yakkaa seeraan hin eeyyamamne ta’uun isaa ifaadha. Gochaan akkanaa namummaa, seeraafi safuu hawaasaa kan cabsu ta’uu hubachiifna.
Kanaafuu, gocha seera alaa kana battalatti akka dhaabdan, mirga namoomaa akka kabajtan, akkasumas hojii seeraan alaa kamirraayyuu akka of qusattan cimsinee isin akeekkachiifna. Yoo kanaaf hin ajajamne ta’e, ragaa qabatamaa hunda fayyadamuun miidiyaa mootummaa fi qaamolee seeraa dhimmi ilaallatu hundaaf dabarsuun tarkaanfii seeraa barbaachisu hunda akka fudhannu ifatti isin beeksisna.
Seerri ni hojiirra oola, namummaan ni kabajama.
0 Comments